The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Flame [Al-Masadd] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Flame [Al-Masadd] Ayah 5 Location Maccah Number 111
Harki lamaan Abuu Lahab badde [Innis] bade. [1]
Qabeenyi isaatiifi wanti inni hores (joolleen) isa hin fayyanne.
(Guyyaa qiyaamaa) Ibidda abbaa bobayaa (belbelaa) taate seenuuf jira (isii keessatti gubata).
Niitiin isaas baadhattuu qoraanii taatee (ibidda seenti). [2]
Morma ishee keessa haada quncee temiraa irraa ta'etu jira. [3]

