عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Thunder [Ar-Rad] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Thunder [Ar-Rad] Ayah 43 Location Maccah Number 13

Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee olfuudhe (uumeedha); isin ishee ni agartu. eegasii Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’e. Aduufi baatiis ni laaffise, Hundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’u, amrii gara gaggalcha. mallattoolee addaan baasa Akka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha.

Dachii keessas kutaalee walitti olloomantu jira, ashaakiltii Inabaalee irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu (jira). Dhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerra. Dhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.

Rabbiin waan dhalaan hundi (garatti) baattu nibeeka, waan gadaamessaaleen hir’iftuufi waan dabaltus ni beeka. Wanti hundinuu Isa biratti likki likkiidhaan tahaadha.

Isaaf (tokko tokkoo namaatiif) (maleeykota) wal tareeffatoo ta’an (hakaniifii guyyaa itti waljirjiiran) fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiru. Rabbiin waan ummatatti tahe (qananirraa hamtutti) hinjirjiiru, hanga isaan waan lubbuulee isaanii keessa jiru (shukrirraa gara waakkatuutti) jijjiiranitti. Yeroo Rabbiin ormatti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniif Isaa gaditti gargaaran hin jiru. [2]

Mandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessa. Maleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu). Bakakkaalee nierga, isheedhaan nama fedhe dhawa. isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falman, Inni humniti isaa cimaadha.

Waamichi dhugaa isaaf tahe, Warri isaan Isa (Rabbii) gaditti waammatan, waatakkalleen isaaniif hin awwaatan. Akka (owwaannaa) nama ganaa isaa lamaan gara bishaanii hiixatuu (diriirsuu) malee, inni afaan isaatti haa ga’uuf. inni isatti gayaa hintaane. Kadhaaleen kaafirootaa hoongoo keessatti malee hin taane.

Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran Rabbiif sujuuda godhu kan jaalataniifi kan jibban ta’anii, Gaaddidduuwwan isaaniis ganamaafi galgala keessatti.[3]

(malaykonni nijedhaniin “nageenyi isin irratti haa jiraatu Waan obsitaniif; gandi boodaa waa tole!” (jedhu).

Rabbiin nama fedheef hiree bal’isa; (nama fedhe) itti dhiphisa. (kuffaarri) jireenya addunyaa kanaatti gammadan. Jireenyi addunyaa jireenya Aakhiraa biratti qananii yeroo gabaabaa malee hin taane.

Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?). Isaan Rabbiif hiriyoota (shariikoowwan) taasisan. jedhi “Isaan maqaa dhahaa”. Sila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)? ”Dhugumatti isaan kafaraniif shirri isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraa deebifamaniiru (jallataniiru). Nama Rabbiin isa jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.

Isaaniif jireenya addunyaa keessatti adabbiitu jira. adabbiin Aakhiraa immoo akkaan jabaadha. Ammas isaaniif (adabbii) Rabbii irraa ittisaan hin jiru.

Akka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufne. Ati odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee erga beekumsa irraa (wanti siif kenname) sitti dhufee booda, (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru.

Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessa. Isa bira haadha kitaabaattu (Lawhal Mahfuuztu) jira.

Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee (azaabaraa) (osoo ati jirtuu ittibuufnee) si argisiifne (tolte). Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru). Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira.