عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Bee [An-Nahl] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Bee [An-Nahl] Ayah 128 Location Maccah Number 16

Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin jarjarfatinaa, (Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera.[1]

Maleeykota wahyiimurtii isaarraa taheen gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa, “(ilmaan namaa) akeekkachiisaa, Dubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa).

Bishaan hormaataa xiqqoo irraa nama uume, (yogguu guddate) Yoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha.

Beyladas isiniif ishee uume. Ishee keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira. Ishee irraa ni nyaattus.

Yeroo (gara mooraa) galchitaniifi yeroo bobbaaftan (gadi yaaftan) ishee keessa bareedumatu isiniif jira.

Farda, gaangewwaniifi harrootas akka yaabbattaniifi (akka fe'attaniifii) miidhaginaaf jecha (isiniif uume), Wantoota isin hin beeknes ni uuma.

(Tola isaatiin) karaa qajeelaa ibsuun Rabbuma irra jira. Ishee irraa jallaatu jira. (Rabbiin) odoo fedhee hunda keessan isin qajeelcha ture.

Inni Isa samii irraa bishaan buuse. Isiniif isa irraa dhugaatiitu jira. Isa irraas muka isin ishee keessatti (beyladoota) tikfattantu (marga).

wantoota dachii keessatti isiniif uume kan kan bifti isaanii adda adda ta’ee (isiniif laaffise). Dhugumatti, kana keessa namoota gorfamaniif mallattootu jira.

Inni Isa galaana isiniif laaffise akka isa irraa (qurxummii al'oolattanii) foon haarawa nyaattaniifi faaya ishee uffattanis isa irraa baafattaniif jecha. Dooniwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) argita. Akka tola isaa irraa barbaaddaniifi akka galateeffattaniif jecha (kana godhe).

Mallattoolees (isiniif godhe). Urjiidhaan isaan (halkan karaa) qajeelu.

Sila Inni (waan hunda) uumu akka isa (waan tokkos) hin uumneetii? (lakki akkasii miti) Sila isin hin gorfamtanuu?

Qananii Rabbii yoo lakkooftan ishee waliin gahuu hin dandeessan. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Yeroo “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse” isaaniin jedhame, “(inni) oduulee (ogbarruu) warra duriiti” jedhu.

Dhugumatti, warri isaan dura turan shira baasaniiru, Rabbii bu’uura irraan manneen isaaniitti dhufee (balaa itti buusee ishee diige) Ijoon (qaaxeen) gubbaa isaaniitiin isaan irratti kufe. Adabni karaa isaan hin beekneen isaanitti dhufe.

Sana booda Guyyaa Qiyaamaa isaan salphisa, nijedhaan “Hiriyoonni kiyya kan (dhimma) isaanii keessatti (mu’uminoota) faallessaa turtan eessa jiru?”. Isaan beekumsa kennaman “dhugumatti har’a salphinaafi hamtuun kaafiroota irratti ta’eera” jedhu.

(Isaan) warra lubbuulee isaanii miidhoo ta’anii maleeykonni isaan ajjeesaniidha (ruuhii fuudhaniidha). Hamtuu tokkollee kan dalagnu hin turre jechuun ajajamoo ta’uu isaanii (sobaan) ibsu. Lakkisaa dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjachaa turtan beekaadha (isaaniin jedhama).

Ishee keessatti kan haftan ta’aatii balbala Jahannam seenaa, (isaaniin jedhama). Dhugumatti, teessoon boontotaa waa fokkate.

Isaan (Rabbiin) sodaataniin “Gooftaan keessan (Muhammad irratti) maal buuse?” jedhame, “Gaarii (buuse)” jedhan. Warra toltuu hojjataniif addunyaa kana keessatti (jiruu) gaariitu jira. Manni Aakhiraa immoo irra caalaadha. Gandi warra (Rabbiin) sodaatanii waa tole!

(Isheen) Jannata qubsumaati ishee niseenan. jala ishee laggeentu yaa'a. Ishee keessa wanti isaan fedhan isaaniif ta’aadha. Akka kanatti Rabbiin sodaattota (Isaa) galata galcha.

Sila (kaafiroonni) maleeykonni isaanitti dhufuu yookiin ajajni Gooftaa keetii isaanitti dhufuu malee (waan biraa) ni eeguu? Warri isaaniin duraas akkuma kana dalaganiiru. (eegasii Rabbiin isaan dhabamsiise) Rabbiin isaan hin miine. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.

Yoo qajeeluma isaanii irratti bololtes (qajeelchuu hin dandeessu).Rabbiin namoota jallisu hin qajeelchu; tumsitoota irraa homa isaaniif hin jiran.

Kakuu isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatan. Lakkisaa (ni kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera). Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.

(Sababni du’a irraa isaan kaasuuf) akka waan isaan isa keessatti wal dhaban isaaniif ibsuufi akka warri kafaran kijibdoota ta’uu isaanii beekaniifi.

Wanta kamillee (ta’uu) isaa yoo feene, jechi keenya isaan ‘ta’i’ (jechuu) qofa. Achumaan ta’a.

Yookiin deddeebi’uu isaanii keessatti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Isaan dadhabsiisoo hin taane.

Yookiin sodaa (isaanii) irratti (Rabbiin) isaan qabuu (hin sodaatanuu)? Dhugumatti Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.

Wantoonni samiifiileefii dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Amantiinis walitti fufaa ta’ee kan Isaati. Sila waan Rabbiin malee jiru sodaattanii?[4]

Ergasii yeroo Inni miidhaa san isin irraa kaasu, yeroma san gareen isin irraa ta’e Gooftaa isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.

Waan Nuti isaaniif kenninetti kafaruuf (Isatti qindeessu). Qanani’aa; fuula dura (waan isin mudatu) beektuuf jiraattu.

Rabbiif dubara taasisan. Qulqullina isaa (qulqullaa’e), Isaaniif immoo waan fedhan (dhiirota) taasisu.

Tokkoon isaanii yeroo dubaraan gammachiifame (dubri isaa dhalatte), fuulli isaa gurraacha ta’a, haala gaddaan kan guutame ta’een.

Namoota irraa dhokata Fokkina waan ittiin gammachiifamee irraa “Sila salphina irratti ishee qabata moo? biyyee keessatti ishee awwaala?” (jechuun kan dhama’e ta’ee). Dhagahaa! Wanti isaan murteessan waa fokkate!

Rabbitti kakadhee! Dhugumatti, Nuti gara ummatoota si duraa (ergamtoota) erginee jirra. Sheyxaanni dalagaalee isaanii isaaniif miidhagsee jira. Inni (sheyxaanni) har’a jaalallee (gargaaraa) isaaniiti. Isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira.

“Ergasii firiilee hunda irraa nyaadhuu, karaalee Gooftaa keetii seeni laafaa haala ta’een.” Garaalee ishee irraa dhugaatii (dayma) bifti isaa gara gara ta’eetu (adiifii daalacha) baha, kan isa keessa namaaf fayyaan (dawaan) jiru. Dhugumatti kana keessa namoota xiinxalaniif mallatootu jira.

Rabbiin fakkeenya taasiseera gabricha horatamaa, kan homaa irratti dandeettii hin qabneefi nama Nuti nu biraa soorata gaarii isaaf kennine, inni isa irraa dhoksaafi ifattis kan arjoomu (isaafi wantoota isaan alaatiif) (fakkeenya taasiseera). Sila isaan wal qixxaatanii? Faaruun kan Rabbiiti. Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekan.

Rabbiin namoota lama (mu’uminootaafi kaafirootaaf) fakkeenya taasiseera: tokkoon isaan lamaanii arraba hidhamaadha; homaa irratti dandeettii hin qabu; inni mootii isaa irratti ba’aadha; bakkuma inni isa erge hunda irraayyuu waan gaariin hin dhufu. Sila inniifi namni karaa qajeelaa irra jiraatee haqatti ajaju, wal qixa ta’aa?

Sila gara allaattii hin ilaallee? hawaa samii keessa (kufuu irraa) Rabbiin malee wanti biraa kan ishee hin qabne taatee (bararuuf) laaffifamtuu taatee. kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.

Rabbiin manneen keessan irraa teessumaa isiniif godhe. Gogaa beyladaa irraa manneen guyyaa imala deemtaniifi guyyaa dhaabbannaa keessaniis salphifattan (tan hin ulfaanne) isiniif taasiseera. suufa (hoolaa), rifeensa (gaalaafi) rifeensa (re’ee) irraa meeshaafi faa’idaalee hanga yerootiif (isiniif godheera).

Yoo (haqa irraa) garagalan, wanti sirra jiru (ergaa) ittigeessuu ifa mul'ataa qofa.

Guyyaa ummata hunda irraa ragabahaa kaafnu [yaadadhaa]. Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hin hayyamamu, (Komii dhiifama qabus) hin komatamanu. [5]

Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan yeroo qindoolee isaanii (kan gabbaraa turan) argan nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan kun qidoolee keenya kanneen nuti si malee kadhachaa (gabbaraa) turreedha”. (Gabbaramtoonni) “dhugumatti isin kijibdoota” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu.

Kakuuwwan keessan gidduu keessanitti (wal ganuuf) seensa hin godhatinaa. Faanti erga lafa qabattee booda akka hin mucucaanneef. sababaa karaa Rabbii irraa (namoota) deebiftaniif hamtuu akka hin dhandhamneef. (Oggas) isiniif adabbii guddaatu jira.

Aangoon isaa warruma jaalalloo isa godhataniifi warra Isatti qindeessoo ta’an (Rabbiin wajji isa gabbaran) (qofa) irratti.

Jedhi ruuhul qudus (Jibriil) Gooftaa kee irraa dhugaan isa (Qur'aana) buuse, Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachiisaa ta’ee (buuse).

Namni eega amanuu isaatii Rabbitti kafare (Adaba laalessaatu isaaf jira), Nama odoo qalbiin isaa Iimaana irratti raggaatee jirtuu (kufriitti) dirqisiifame malee, Garuu namni qoma isaa kufriif bal’ise dallansuu Rabbirraa tahetu isaanirra taha; Isaaniif adabbii guddaatu jira.

Ergasii Gooftaan kee isaan erga rakkifamanii booda godaananii, ergasii qabsaa’anii, obsaniif (araaramaa, rahmata godhaa dha); Gooftaan kee booda isheetii (rakkifamuutii) araaramaa, rahmata godhaadha.

Guyyaa lubbuun hundi (namni hundi) kan lubbuu ufiirraa mormitu taatee dhuftuufi, kan lubbuun hundi waan dalagdeen (toltus taatee hamtuu) mindeeffamtu [yaadadhu]. Isaan hin miidhaman.

Dhugumatti ergamaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufee, isas kijibsiisani; isaanii miidhaa hojjatttoota tahanii azaabni isaan qabate.

Waan Rabbiin isiniif kenne irraa nyaadhaa. Hayyamamaa, gaarii haala ta’een. tola Rabbii kan isinirratti tahe galateeffadhaa Yoo kan Isa gabbartan taatan.

Wanti (Rabbiin) isin irratti haraama (dhorgamaa) godhe baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan wantoota Rabbiin maleef (yeroo gorra'an) sagaleen irratti olfuudhameedha. Namni rakkifame fincilaa tahuun maletti daangaa dabruun maletti (yoo nyaate)(badiin isarra hin jiru). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [8]

(Isaaniif) qananii xiqqootu jira. (Aakhiraatti immoo) isaaniif adabbii laalessaatu jira.