The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe cave [Al-Kahf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The cave [Al-Kahf] Ayah 110 Location Maccah Number 18
Faaruun kan Rabbii gabricha Isaa (Muhammad) irratti kitaaba (Qur'aana) buuseeti. kan isa keessatti daba hin godhiniiti.[1]
Qajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisuuf, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse).
Isa keessa yeroo hunda jiraatoodha.
Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhan sodaachisuuf (isa buuse).
Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi hin jiru. Jechi afaanoowwan isaanii irraa baatu waa fokkattee! Soba malee homaa hin haasa’anu.[2]
Yoo isaan haasa’a (qur'aana) kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama.
Nuti waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne, isaan irraa eenyu akka irra hojii tolchu isaan qorachuuf.
Nuti (gaafa jiruun dhumte) wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa (biqilaa hin qabne) taasisoodha.
Sila (seenaan) warra godaafii gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee? [3]
Yeroo dargaggoonni (mu'iminaa diin isaaniitiin deessuuf) gara godaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu).
goda keessatti waggoota lakkaa’amaniif (hedduu tahaniif) dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine (raffifne).
Ergasii isaan dammaqsine, kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha.
Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessina, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha.[4]
Nuti onneewwan isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra. yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiileefi dachiiti Nuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannu. (yoo isamalee gabbaramaa biroo yaammanne), yoggus haasawa (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan.
“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiru, Sila Maaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidanne? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (hinjiru).
(Dargaggoonni waliin jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin achitti gabbaran irraa fagaattan, gara godaa galaa, Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’isa. amrii keessan irraas laafina isiiniif qopheessa”.
Aduu yeroo baatu holqa isaanii irraa kan gara mirgaatti dabdu argita. Yeroo dhiitu, haala isaan bal’ina isa (goda) irraa ta’e keessa jiraniin gara bitaatti isaan dhiifti. Kun mallattoolee Rabbii irraayi. Namni Rabbiin (isa) qajeelche, isumaatu qajeelaadha. Nama Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu. [5]
dammaqoo isaan seeta isaanii rafoo. gara Mirgaafi gara bitaatti isaan garagaggalchina, Sareen isaanii dhundhumma isaa lamaan moggaa (holqaatti) diriirsaadha. Odoo isaan argitee dhugumatti, silaa baqannaan isaan irraa garagalta (dheeysita); isaan irraas sodaa guutamta turte.
Akkuma kana isaan dammaqsine akka jidduu isaanitti wal gaafataniif jecha. Jedhaan isaan irraa ta’e tokko nijedhe “Yeroo hangam (as) turtan?” nijedhan “Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre”. Ni jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) beeka, Tokkoo keessan maallaqa teessan tanaan gara magaalaa ergaa. kamii isiittu irra gaarii nyaataatii haalaaluu, soorata isaa irraa isiniif haa fidu. Haa dhokatu; waa’ee keessan nama tokkos akka hin beeksifne. [6]
Isaan yoo isin argan, dhagaan isin tumu yookiin amantii isaaniitti (kufritti) isin deebisu, Yoo san gonkumaa hin milkooftan.” (waliin jedhan).
Akka kanatti isaan irratti mul’ifne. akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaa shakkiin (dhufiinsa) ishee keessa hinjiruu (akka beekaniif), yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee isaanii (warra holqaa) keessatti wal dhaban, Ni jedhan: ijaarsa isaan irratti ijaaraa Gooftaa isaaniitu isaan beekaa,.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo nijedhan “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna”. (bakka sanitti masgiida jaaranna).
Nijedhu “Isaan sadihi afraffaan isaanii saree isaaniiti”. nijedhu “Isaan shani jahaffaan isaanii saree isaaniiti” shalaggii fagootii. nijedhu “Isaan torba saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti”. (Yaa Muhammad!) jedhi “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu beeka, (namoota) muraasa malee isaan hin beeku”. Kanaafuu waa’ee isaanii keessatti hin falmin mormii ifa ta’e malee, Waa’ee isaanii keessatti isaan irraa nama tokkos hin gaafatin. [7]
Waan tokkonis hinjedhin Ani waan san borun hojjataadha.
“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) malee, yeroo irraanfatte Gooftaa kee yaadadhu. Gooftaan kiyya gara karaa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi. [8]
Holqa isaanii keessa waggoota dhibba sadi turanii sagalis dabalatan.
Jedhi Rabbumatu beekaa Hanga isaan turan, (Beekumsi) fagoo kan samiileefi dachii Isumaafi. Akkam arga! Akkam dhagayas! Isaaniif Isa malee gargaaraan hin jiru, Murtii Isaa keessatti tokkollee hinqindeessu.
Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisi, Jechoota Isaatiif jijjiiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti dheeysitan hin argattu.
Lubbuu tee hidhi isaan Gooftaa isaanii ganamaafi galgala kadhataniin wajjiin Fuula Isaa barbaachaaf. ija tee lamaan isaan irra hin qaarsin Miidhagina jireenya addunyaa barbaachaaf. Nama onnee isaa zikrii keenya irraa cufnef hin ajajamin. kan fedha lubbuu isaa hordofe, hojiin isaa daangaa dabraa ta’e (bade).
Jedhi: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallooyni ishee isaanitti marse qopheessinee jirra, Yoo birmachiifatan bishaan akka rajaa (siicoo) zeytii danfeetti fuulleen waddituun dirmataman (kennaman). Dhugaatichi waa fokkatee! Hirkannaanis akkaan hammaate! [9]
Warreen amananii gaggaarii hojjatan, (galata guddaa argatu). Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu.
Warra san isaaniif jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaatuutu jira. ishee keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamu, Uffata magariisa hariira haphiifi furdaa irraa tahanis uffatu, Ishee keessatti sireewwan girdoo qaban irratti hirkatanii (taa’u), Mindaan waa tole! Hirkannaanis waa bareedde!
Fakkeenya isaaniif godhi. namoota lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama tan inaboota irraa taate taasifnee, isaan lamaanuu hundee timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis (oyruu) midhaan (facaafamu) taasifne. [10]
Oyruun sun lamaanuu nyaatamaa (firii) isii odoo homaa isarraa hin hirdhisin kennite; gidduu isaaniitii laga yaasne (maddisiifne) (san fakkeenya godhiif)
Isaaf midhaantu tahe. hiriyaa isaatiin odoo itti haasa’uu nijedhe “Anatu qabeenyaan sirra hedduudha, gosaanis sirra jabaadha” (jedhee itti dhaaddate).
(namtichi kaafirtichi) Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee ni jedhe: “Isiin tun gonkumaa ni baddii hin yaadu.
(Ani) Qiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaadu, Dhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifameef, iddoo deebii kan isa caaluun argadha.” [11]
Hiriyyaan isaas (ka mu'iminaa) kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati Isa biyyee irraa si uumetti kafartee?, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii nama guutuu si godhe. [12]
Ani garuu Inni Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin qindeessu.
Maaliif Yeroo oyruu tee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” jechuu dhiifte!, Yoo ana qabeenyaafii ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes;
Gooftaan kiyya waan oyruu kee irra caalu naaf kennuun nikajeelama, ishee (kee) irratti immoo samii irraa bakakkaa buusee, (gubattee) dirree duwwaa ta’uun ishee (ni mala).
Yookiin (tahuun nimala) bishaan ishee (lafa keessa) gadi lixaa tahee kan ati isa barbaaduu hindandeenye.” [13]
Midhaan (ooyruu) isaatti ni marfame (ni badde), waan isii keessatti baaserratti (gaabbee) ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchutti seene. isheen mogoleewwan (jirma) ishee irratti kukkufte, nijedhe “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti (amanee) waa tokko qindeessuu baadhee”.[14]
Gareen Rabbii gaditti isa tumsitu isaaf hin taane. Inni tumsamaa hin taane.
Achittii mootummaan kan Rabbii haqa ta’eeti, Inni mindeessuutti Isumatu caala; booddee tolchuttis Isumatu caalaadha.
Fakkeenya jiruu addunyaa isaaniif godhi, (sun) akka bishaan samii irraa buufnee (rooba roobsinee), biqiltuuwwan dachii isaan (magartee) walitti makamanii, goggogaa caccabaa bubbeewwan isa faffacaaftu ta’e. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera. [15]
Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaati, Gaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha.
Guyyaa (qiyaamaa) Nuti gaarreen deemsifnee (dhabamsiifnee) dachii dirree ta’uu argitu, isaan walitti qabnu (yaadadhu). Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu (sun guyyaa qiyaamaati).
Hiriiroo tahanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftan, Nuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddan turtan” (jedhaman). [16]
kitaabni kaa’amee, badii raawwattoota (kaafiroota) waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta. Ni jedhu: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun maaltu isaaf tahe kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne.” Waan hojjatan (dilii jiruu addunyaatti hojjatan) dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee (nama) tokkollee hin miidhu.
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne (yaadadhu), Ibliis malee sujuuda godhan, (inni) jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile. Sila Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattanii? isaan isiniif diinoota. (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun waa fokkate! [17]
Ani uumaminsa samiifii dachii isaan hingarsiifne (yeroo san inuun jiran), uumaminsa lubbuulee isaaniitis (gaarii isaanii yeroo uumu garii hingarsiifne), Ani jallistoota gargaartota godhataa hin taane.
Guyyaa Inni “(warra) shariikota Kiyya kan kijibaan dubbattan san waamaa” jedhu (yaadadhu). Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatan. gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifne.
Yakkamtoonni ibidda ni argan, Ishee keessa bu’oo ta’uu isaanii hubatan, Karaa ishee jalaa ittiin ba’an hin argatan.
Nuti dhugumatti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa (namootaaf) ibsinee jirra. Namni baay’isaa wahii falmii ta’eera. (falmii guddata).
Namoota wanni amanuu dhoowwe waa hinjiru, yeroo qajeelumni isaanitti dhufe, Gooftaa isaanii araara kadhachuu irraas, karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufuu yookiin adabbiin fuulduraa isaanitti dhufuu (eeguu) malee.
Nuti ergamtoota gammachiiftotaafi dinniintoota goonee malee hin erginu, Warri kafaran sobaan falmu isaan haqa deemsisuuf jecha. keeyyattoota kiyyaafi waan dinniinamanis qishnaa godhatan.
Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee (didee) irraa garagaleefi waan (dilii) harki isaa lamaan dabarfatte dagate- caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (hinjiru). Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onneewwan isaanii irratti qadaaddaafi gurreen isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirra. Yoo gara qajeellumaa isaan waamte, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan.
Gooftaan kee akkaan araaramaa, abbaa rahmataati. Odoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa ture. Garuu isaaniif beellamaatu jira, ken isa malee gara itti deebi’an hin arganne.
(Warra) magaalotaa san isaan miidhaa hojjanaan isaan balleessine. halaakamiinsa isaaniitiif beellama goone.
Yeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo baharri lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti zamana dheeraa fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe (yaadadhu). [18]
Yeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatan. Inni (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate.[19]
Yeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidi Dhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.”
(Dargaggeessichi isaa) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa guddaa hirkanne, ani qurxummii irraanfadheera. akka an hinyaadanne waa nanirraanfachiifne sheyxaana malee. Innis karaa isaa bahra keessa dinqisiisaa godhate.”
(Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” (akka karaa hinbanneef jecha) Faanoowwan isaanii irra hordafaa gara duubaa deebi’an. [20]
Gabricha gabroota keenya irraa ta’e, argan, kan Nuti nu biraa rahmata isaaf kennineefi beekumsa Nubiraa ta’e isa barsiifne.[21]
Muusaan isaan nijedhe “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu?”
(Namichi) ni jedhe: “ati na wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu.
Sila waan (ani hojjadhu) kan beekumsa isaa hin qabnee irratti akkamitti obsita?”
(Muusaan) “Yoo Rabbiin fedhe obsaa ta’uu na argita, Ajaja keetis hin didu” jedhe.
(Namichi) yoo na hordofte, waan (ani hojjadhu keessaa) tokkollee hanga ani waa’ee isaa siif himutti homaa irraa na hin gaafatin” jedheen.
Isaan lamaanuu hanga doonii tokko yaabbatanitti ni deeman, Inni (namichi) ishee ure (Muusaan) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa (hamaa) fidde (hojjatte)!”
(Namichis) ni jedhe: “Sila ani ati na wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu hin jennee?”
(Muusaan) ni jedhe: “Waanin irraanfadheef nan qabin, Dhimma kiyya irraa rakkoo na hin baachisin (nattin jajjabeesin).”
Nideeman Hanga mucaa tokkotti dhufanitti achumaan (namtichi) isa (mucicha) ajjeese, (Muusaan) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeeftee irraa kafalamtuun) malee ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe. [22]
(Namichi) ni jedhe: “Sila ani ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?” [23]
(Muusaan) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin), Dhugumatti, ana biraa dhiifama (dhumaa) irra geessee jirta.” [24]
Ergasii isaan lamaan nideeman hanga warra magaalattii takka bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata kadhatan, isaan keessummeessuu didan. Ergasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko argan. (namichi) (suphee) ol kaasee (diriirsee) isa dhaabe. (Muusaan): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe.
(Namichi) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiiti. Ani hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima. [25]
Doonittiin tan namoota hiyyeeyyii bahara keessa dalaganii turte. ishee fokkisuu fedhe. isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokkootu jira.
Mucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminoota. Nutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne. [26]
Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene.
Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti ture. Isa jala immoo dilbii (qabeenya awwaalame) kan isaan lamaaniitu jira. Abbaan isaanii nama gaarii ture. Gooftaan kee (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedhe. Ani kana (hunda) fedha kiyyaan hin hojjanne. Kun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu hindandayiniiti.”
Zulqarnayni irraas si gaafatu “Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi.[27]
Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirra, Waan hunda irraa tooftaa (ittiin yaada isaatti gayu) isaaf kennine.
karaa (gara dhihaa) deeme.
Hanga iddoo lixa aduu gayutti, isheedhaa ija dhoqqee gurraattii keessatti lixxuu arge. Ishee biratti ummata (kaafiraa) arge. Nuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayni! Ati isaan adabuu yookiin isaanitti toltuu hojjachuu (filannoo qabda)” [28]
(zulqarneyni) Ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabna, Ergasii (qiyaamatti) gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e (jahannamiin) isa adabuuf jira.
Nama amanee, gaarii hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jira. Nuti ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.”
Sana booda karaa hordofe (deemsa gara bahaa itti fufe).
(deemsa isaa itifufe) Hanga iddoo (akka argaa ijaatti) baha aduu ga’etti, isheedhaa ummata irratti baatu arge, (ummanni sunuu) kan nuti ishee gaditti waan hagoogu isaaniif hingodhin.
(Dubbichi) akka kana, Wantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra.
Ergasii karaa (kaabaa) hordofe (deemsa ittifufe).
hanga (kaarra) gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge. (kan haasawa nama biroo hinbeeyne).
(Isaanis) nijedhan “Yaa Zalqarnayn!, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodha, baasii (kafaltii) siif goonuu Nuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti?” [29]
(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu (kafaltii teessanirra) caala. humnaan na gargaaraa, Gidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, .
Muraa Sibiilaa naaf kennaa.” hanga iddoo gaara lamaan gidduu jiru (jaaree) guute “afuufaa” jedheen, hanga ibidda (diimaa) isa godhetti “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa ” jedhe.
(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) (dheerinna isaatiif) isa irra koruu hin dandeenye; (jalaanis) (jajjabinna isaatiif) isa uruu hin dandeenye.
(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’e, Yeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, bittinnaa’aa isa godha, Waadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”
garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifna. Garriin (xurumbaanis) ni afuufamaa, (uumama hunda) walittiqabiinsa walitti isaan qabna.
Guyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina.
(Isaan) warra ijjoowwan isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenye turan.
Sila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaadani? Nuti jahannamiin kaafirootaf qubannoo qopheessineera.
”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi.
Isaan warra jiruu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha, odoo isaan dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu.
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi walitti dhufiinsa Isaatti kafarani. dalagaaleen isaanii baddee. Guyyaa Qiyaamaa miizaana isaaniif hin dhaabnu.
Isaan sun galanni isaanii jahannami. waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif jecha.
Warreen amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws qubannoota isaaniif taatee jirti. [30]
Ishee keessa zalaalam jiraatu. Ishee irraa jijjiiramuu hin barbaadan.
Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”
Jedhi: “Ani namuma akka keessaniiti. kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha (Allaah) qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudha. Kanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; gabbartii Gooftaa isaa keessatti tokkollee hin qindeessin.”

