عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Mary [Maryam] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Mary [Maryam] Ayah 98 Location Maccah Number 19

Kaaf Haa Yaa Ayn Saade [1]

(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha.

Yeroo inni Rabbii Isaa kadhaa dhoksaa kadhate (dubbadhu).

“Kan (nabiyyuummaafii amantii kiyya) na dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaalu, Yaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaa isa taasisi.”

(kadhaa isaa qeebalee Rabbiin ni jedheen): “Yaa Zakariyyaa! Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’een sigammachiifna. kan ammaan dura moggoo isaaf hingodhin (kan maqaa isaa namni biroo hinbaafatin)”.

(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! akkamitti ilmi naaf ta’a? Odoo jaartiin too maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu ?”

Ni jedhe “(dubbiin) akkuma kana, Rabbiin kee ‘Kun (ilmoo isinii kennuun) anarratti laafaadha jedhe. ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira.”

(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo naaf godhi.” (Rabbiin) ni jedhe: “Mallattoon (ilmoo argachuu) kee halkan sadihiif (guyyaa sadihiif) odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha (dadhabuudha).”

“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen). Beekumsa (ogummaa) ijoollummaan isaaf kennine. [3]

Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra). Inni (Rabbiin) sodaataa ta’eera.

Haadhaafi abbaa isaatiif tola oolaa ta’eera, Of tuulaa, dilaawaa hin taane.

Nageenyi isarratti haajiraatu, guyyaa inni dhalate, guyyaa (dhuma umrii isaatti) inni du’uufi guyyaa (qiyaamaa) inni jiraataa tahee kaafamus. [4]

Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiin yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu. [5]

(hamtuuf deemaa shakkitee sodaattee) Ni jette: “Ani sirraa Rahmaanitti maganfadha. Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef (nan tuqin)”

(Jibriil) nijedhe “Ani (malaaykaa) ergamaa Rabbii keetiiti; ilma bareedaa siif kennuuf (Rabbiin na erge)”.

Ni jette: “akkamitti ilmi naaf ta’a Odoo namni (dhiiraa) tokkolleen nan tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in?”

Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana, Gooftaan kee ‘kuni narratti laafaadha; Namootaaf raajiifi rahmata Nu irraa ta’es isa godhuufi” jedhe. (Kun) dhimma murtaa’e ta’eera. [6]

(nideesse) Ishee jalaa (malaaykichi) ishetti lallabe “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun.

(asheeta timiraa) Nyaadhu, (bishaan) dhugii; (daaima kee laalii) ijaanis itti gammadi. Yoo ilma namarraa tokko argite jedhiin ‘ani Rahmaaniif callisuu qodhaa (nazrii) godheen jira, hardha nama tokkos hin dubbisu”.

Isa baadhattee gara ummata ishee dhufte, (Isaan) ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati (ilmoo abbaa malee fiduun) waan akkaan hamtuu hojjatte.

(Isiin) gara isaatti akeekte, (Isaan) nijedhan “Akkamitti daaima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?”.

(iisaan nidubbatee) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba (injiil) naaf kenne; nabiyyiis na taasisee jira.

Haadha tiyyaaf tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aa (dilaawaa), nan taasifne.

Nageenyi narratti jiraata Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa (umriin kiyya dhumee) ani du’uufi guyyaa (qiyaamaa) ani kaafamuus”. [10]

(kan waayee isaarraa dubbatame) Kun Iisaa ilma Maryami; (jechi waayee isaarraa himame kun) jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha.

Rabbiif ilma taasifachuun hin malu, Inni qulqullaa’e, Yeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a. [11]

(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani, Kanaaf Isa qofa gabbaraa, kun karaa qajeelaadha”(jedhe.)

Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; warra kafaraniif halaakni tahe wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti.

Maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise, guyyaa isaan (Kaafiroonni) Nutti dhufan. Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina mul'ataa keessa jiru.

(dubbadhu) Yeroo inni abbaa isaatiin (aazariin) jedhe “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan (taabota) hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?”.

“Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin (karaa wahyiitiin) natti dhufee jira. na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha.

(Abbaan isaa) nijedhe “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya (jibbitee) irraa garagaltaa? Yoo hin dhorgamne, ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa), Yeroo dheeraaf naan oodi (narraa fagaadhu)”.

(Ibraahiim) nijedhe “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadha, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera”.

“Isiniifi wantoota isin Rabbiin gaditti gabbartan irraan fagaadha. Rabbii kiyya qofan kadhadha, kadhaa gooftaa kiyyaatiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha”.

Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhu, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyii ta’eera.

Nuti moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (ufitti) isa dhiheessine!

Tola keenya irraa obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine. [14]

Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iil (ilma ibraahiim) dubbadhu, inni beellama kabajaa ta’ee jira, Ergamaa, nabiyyii ta’ee jira.

Isaan boodaas bakka bu’oota (hamaatu) bakka bu'e. kan salaata miidhaniifi fedhaalee lubbuu isaanii hordofan. Hallayyaa jahannam quunnamuuf jiru.

Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a fokkataa hin dhagayan. Ishee keessatti isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira.

Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin malee hin buunu, Wanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan Isaati, Gooftaan kee dagataa hin taane. [16]

(Inni) Gooftaa samiilee, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiraniiti. Isa (qofa) gabbari; gabbartii isaarratti obsi. Sila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?

Namni (kafare mormiif) nijedha “Sila ani ergan du’ee jiraataa tahee (qabrii) baafamaa?”.

Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabna, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna.

Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.

Isaaniin dura dhalootarraa meeqaa meeqa (hedduu) kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’an balleessinee jirra.

Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; hanga waan waadaa isaaniif seename arganitti, azaaba yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.

Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree hin'arginee ati? kan “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe.

Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhu (fii hojjatu) ni barreessina; azaabarraa dabaltii isaaf daballa.

Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; inni kophaa isaa Nutti dhufa.

Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) ( guyyaa qiyaamaa isaan fuulduratti) gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa tahu.

Sila ati hinarginee akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasiinsa isaan kakaafti.

Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkooyna. [18]

Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti jiila (garee kabajamoo) taasifnee isaan walitti qabnu (yaadadhu).

Dhugumatti, isin (jecha kijibaa kana jechuun) waan fokkataa fiddaniirtu.

Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu).

Wanti samiileefi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan.

Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera.

Hundi isaanii Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.

Wanti Nuti arraba kee (afaan kee) irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi.

Isaan dura dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra (hedduudha)! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa?