The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Believers [Al-Mumenoon] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Believers [Al-Mumenoon] Ayah 118 Location Maccah Number 23
Dhugumatti, mu’uminoonni milkaawan. [1]
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a godhoo tahan.
Isaan warra dhararraa fagaatoo tahan.
Isaan warra zakaas hojjatoo tahan (zakaa baasan).
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo tahan. [2]
Jaartiiwwan isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte (gabroota) irratti malee, isaan (kanarratti) komatamoo miti.
Namni sana malee (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha. [3]
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha. [4]
Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha.
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati).
Isaan warra Firdawsiin dhaalanu. isaan ishee keessatti hafoodha (zalaalam turoodha).
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa uumne, (ruuhii itti afuufuudhaan) (daa’ima isa goone), Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
Eegasii Isin sana booda du’oodha. [5]
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.
dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirra, Nuti uumamtoota irraa kan dagattoota hin taane.
Samii irraa bishaan (rooba) hanga (barbaachisaa ta’een) buufnee. ergasii dachii keessa isa kuufne. Nuti isa deemsisuu irratti danda’oodha.
Isaan iddoowwan ashaakiltii isiniif magarsine, kan mukkeen timiraafi inabaa kan ishee keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isin ishee irraa nyaattan.
Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa (dibatamu) biqilchituufi warra nyaataniifis buusaa taatus (isiniif uumne). [6]
Isiniif beyladoota (gaala, loon, re'eef hoolaa) keessa waan xiinxaltantu jira, Waan garaalee isii keessa jiru irraa (aannan) isin obaafna, Ammas isiniif ishee keessa faaydaalee (biraa) baay’eetu jira. Ishee irraas ni nyaattu.
Isheefi dooniiwwan irrattis yaabbachiifamtan.
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Sila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taane, Isin irra of caalchisuu fedha, Rabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa ture. kana abbootii keenya durii keessatti hin dhageenye.
Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa miti, (Kanaafuu) hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.”
(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.”
Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyarratti doonii hojjadhu, Yeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisi, Maatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre malee, Waa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti nan dubbisin. Dhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha. [7]
Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi.
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Ati irra caalaa qubsiiftotaati.”
Kana (adaba ummata Nuuh) keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra.
eegasii isaan boodaan dhaloota biroo uumne.
Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiru, Sila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jechuudhaan).
Qondaalonni mmata isaa kanneen kafaran nijedhan. kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan duroomsine irraa tahan (nijedhan) : “Kun namuma fakkaataa keessaniiti malee waan biraatii miti. Waan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga.
Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha.
Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa?
Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate!
Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii miti, Nuti ni duuna; ni jiraannas, Nuti kaafamoo miti.
Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa miti, Nuti isaaf amanoowwan hin taane.”
[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif naa tumsi” jedhe.
(Rabbiin) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe.
Iyyiti cimtuun dhugaadhaan isaan qabatte, hoomacha isaan goone, Ummatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u.
Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne.
Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu.
Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergine, Dhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa kijibsiisan, (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifne, Oduu odeeffamu isaan taasifne, Namoota hin amanneef fageenyi haa ta’u!
Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine.
Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine). ni boonan orma uftuultota tahan.
Ni jedhan: “Sila namoota lamaaf kan nu fakkaataniif amannaa? kan ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an"
Isaan lamaan ni sobsiisan, Warra balleeffaman irraas ta’an.
Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra.
Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifne, Isaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu qabuu isaan qubsiifne.
Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa, Dalagaalee gaggaariis hojjadhaa, Ani waan isin hojjattan beekaadha.
Isheen tun (Rabbii tokkicha gabbaruun) tuuta teessani tuuta takka (karaa tokko taatee amantii keessani), Anis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa.
Amantii isaanii gidduu isaanitti addaan cicciratani qoodamaa godhan, Gareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadoodha.
Hanga yeroo murtaa'eetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi.
Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii) se’uu?
Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (se'uu?) Lakkii; (suuta suutaan isaan qabuufi) Garuu isaan hin hubatan.
Isaa warri (osomaa toltuu hojjatanuu) sodaa Gooftaa isaanii irraa nahoo tahan.
Isaan Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniitti amanan,
Isaan Warri Gooftaa isaaniitti homaa hin qindeessine,
Warri waan hojjatan (tolturraa) onneewwann isaanii sodaan guutamtee, gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa hojjatan,
Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan jarjaroodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha.
Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee ishee hin dirqisiifnu, Nu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jira. Isaan hin miidhaman.
Dhugumatti onneewwan isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirti. Isaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan ishee hojjatantu jira.
Hanga Nuti isaan irraa warra qanani'oo (jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan) adabaan qabnetti, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) (sagalee ol fuudhanii) iyyu.
Har’a hin iyyinaa, isin Nu irraa tumsa hin argattanu (isaaniin jedhama).
Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duuba keessanitti irraa deebi’aa turtan.
Isakanaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis ka'abaa biratti (Qur'aana) arrabsaa irraa garagaltan.
Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanii? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe?
Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo?
“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; inni dhugaan isaanitti dhufe, irra baay’een isaanii dhugaa jibboodha.
Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samiilee, dachiifi wantoonni isaan keessa jiran ni badu turan. Inumaayyuu; nuti kabajaa isaaniitiin isaanitti dhufne (Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti), isaan kabajaa isaanii irraa garagaloodha.
Moo kafaltii isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caala. Inni irra caalaa warra kennaniiti.
Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta.
Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa jallatoodha.
Odoo rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu.
Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirra, Isaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne.
hanga balbala azaabaa cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan isa keessatti abdii muratoodha.
Innis Isa dhageettii, argituuwwanifi onneewwan isiniif uumeedha. Wanti isin galateeffattan xiqqoo qofa.
Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha. Gara Isaatti walitti qabamtan.
Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuudha, Jijjiiramni halkaniifi guyyaas kan Isaati, Sila hin hubattanii?
Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan.
Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, nuti (deebinee) kaafamnaa?[8]
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirra, Kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
Jedhi: “dachiiniifi wanni ishee keessa (gubbaa) jiran kan eenyuti? Yoo kan beektan taatan”
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin hin gorfamtanii?" jedhi.
“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddoo eenyu?” jedhi.
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” jedhiin.
“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru eenyu jedhiin? inni kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan.
“Kan Allaahti” jedhu “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin.
Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirra, isaan sobdoota.
Rabbiin ilma hin godhanne, Isa waliin gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru, (Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deema. Gariin isaanii garii irratti ol ta’u turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e!
Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e), Waan isaan itti qindeesan irraa ol ta’e!
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame nagarsiifte,
Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.”
Nuti waan isaaniif waadaa seenne si argisiisuu irratti danda’oodha.
ishee irra gaariidhaan hamtuu deebisi, Nuti waan isaan wassafan beekoodha. [9]
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasaalee sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha!
Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.”
hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufe (yeroo san) ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisaa
Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen jecha inni ishee jedhu (qofa), isaan duuba hagoogiitu jira Hanga guyyaa kaafamaatti.
Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan.
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa salphatte, isaan sun warra lubbuulee isaanii hoongessan. Jahannam keessa turu.
Ibiddi fuula isaanii ni gubdi, Isaanis achi keessatti soqolamoodha (fuulaa fokkatoota).[10]
Sila keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isin ishee sobsiisaa hin turree?
Isaan ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nurra injifate; nu ummata jallatoo taane.
Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasi, Ergasii yoo (kufriifii jallina) itti deebine nutu miidhaa hojjattoota.”
(Rabbiin) "Salphadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaa, nan dubbisinaa" jedha.
Gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirra, nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhi, Ati irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turan.
Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtan, Isaanittis kolfaa turtan.
Ani har’a waan isaan obsaniif isaan milkaa’oo ta’uudhaan isaaniif galata galche.
(Rabbiin) ni jedhe: “Sila dachii keessa lakkoofsa waggaa hangamii jiraattan?”
[Isaan] ni jedhan: “Nuti guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre, Warra lakkaa’an gaafadhu.”
(Rabbiin) ni jedha: “isin (yeroo) xiqqoo malee hin jiraanne Odoo kan beektan taatanii .
Sila Nuti taphaaf isin uumne seetuu? Ammas isin gara keenyatti (guyyaa qiyaamaa qormaataaf jecha) hindeebifamtanuu seetuu”?
Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’e, Isa malee Gooftaan biraa hin jiru, Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.
Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jira, warri kaafaran hin milkaa’anu.
“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhi, Ati irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi.

