عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

THE ANT [An-Naml] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah THE ANT [An-Naml] Ayah 93 Location Maccah Number 27

(Qur'aanni kun) Mu’umintootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha.

Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; (deemeetin) isii irraa odeeffannoo (waa’ee karaa) isiniif fida. Yookiin immoo xombooraa (xuxee) qabsiifamaa wahii isiniif fida akka isin ho’ifattaniif” jedhe (yaadadhu). [2]

Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’e qulqullaahe.

Nama miidhaa dalagee ergasii hamtuu boodaan toltuu bakka buuse malee. Ani (isaaf) araaramaa, rahmata godhaadha.

Harka kee bobaa tee keessa seensisi; isheen adii taatee baati, fokkachuudhaan (dhukkuba barasiin) maleetti. Mallattoowwan saglaniin gara fir’awniifi ummata isaa (deemi). isaan ummata finciltoota ta’anii jiru.” [3]

Yeroma mallattoowwan keenya ifa taatee isaanitti dhuftu “kun Sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan.

Dhugumatti, Daawuudiifi (ilma isaa) Suleeymaaniif beekumsa kennineerra. Isaan lamaan nijedhan “faaruun hundi kan Rabbii Isa gabroota Isaa mu’uminootaa baay’ee irra nu caalchiseeti".

Suleeymaaniif waraanni isaa jinnoota, namootaafi allaattii irraa walitti qabame; isaanis walitti ittifamoodha (sirnaan oofamuudha).

Simbirroo to’atee ni jedhe: “maaliifan hududdee (Hud-hud) arguu dhabe? (anumaatu arguu dhabe) Moo sila isumatu haftoota (fagaattota) irraa ta’e?

(hafuu isaa hubatee nijedhe) Dhugumatti, adabbii cimaan isa adaba, Yookiin isan gorra’a, Yookiin immoo ragaa ifaa ta’een natti haa dhufu.”

(Allaatichi) (Yeroo hanga) fagoo hin taane turee (dhufee) ni jedhe: “waan ati hin argin argeen jira, Saba’i irraa oduu dhugaa ta’een sitti dhufeera.

Ani Dubartii isaan bulchitun arge, Tan Waan (moototaaf barbaachisu) hunda irraa kennamte, isheedhaaf sireen guddaan jiru.

Allahn Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru Inni Gooftaa arshii guddaati.” [4]

[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugaa jetteefi warra kijibdoota irraa taatee kee fuuldura ilaalla.

(Mootittiin yeroo xalayaa gartu) ni jette: “isin Yaa qondaaltota (kiyya) ani xalayaan kabajamaan natti darbameera.

Inni Suleymaan irraayyi, Innis (qabiyyeen isaa) ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa taheetiin’.

Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa (jedha).”

Ni jette: “Yaa qondaaltota (kiyya)! Dhimma kiyya irratti yaada na akeekaa; Ani hangan isin hirmaattanitti dhimma kamillee murteessitu hin taane.”

(Qondaalonnis) nijedhan “Nuti abbootii humnaafi abbootii lola cimaati, Ajajni gara keeti, Maal akka ajajju ilaali (nuti ajaja kee raawwachuuf qophiidha)”.

Yeroma Suleymaanitti dhufu ni jedhe: “Sila isin qabeenyaan na gargaartanii? Wanti Rabbiin naaf kenne (nabiyyummaa, mootummaa fii qabeenyarraa) waan isiniif kennerra caala. Dhugumatti isin kennaa keessaniin gammaddu.

(suleeymaan ergamticha keenaa irratti didee nijedheen) Gara isaanii deebi’i, Nuti waraana isaan dura dhaabbachuu dandeettiin isaaniif hinjirreen isaanitti dhufna, Ishee irraa (saba'i irraa) salphinaan xiqqaatoo ta’anii isaan baafna.”

(suleeymaan qondaalota isaatiin) Ni jedhe: “Yaa qondaaltota (kiyya)! eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufeen duratti ?”

Jabaan Jinnoota irraa ta’e tokko ni jedhe: “Ani isaan sitti dhufa (siifin fida) odoo ati iddoo teessuma keetii irraa hin ka'in dura. Ani kana irratti cimaa amanamaadha.”

Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru ni jedhe: “Ani (libsattee) odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida (jedhee)(Rabbi kadhatee fideef)” (Suleymaan) yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyi. Akka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf (kana godhe). Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiif. Namni kafare (isuma irratti). Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” (jedhe).

Ni jedhe: “siree ishee isheef wallaalchisaa (Siree ishee beekuutti) ni qajeelti moo warra hin qajeelle irraa taatii ilaalla.”

Yeroma isheen dhuftu sireen kee akka kanaa jedhame, Isheenis “inni akkuma waan isaati” jette. (Suleymaanis) “dura ishee beekumsa kennamnee, Muslimtoota taaneerra” (jedhe).

“Gamoo seeni” isheedhaan jedhame, Yeroma isa argitu haroo isa seetee, mogolee ishee lamaan irraa saaqxe, (Suleymaan) ni jedhe: “Inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee (bishaan keessaan mul’atuudha).” (Isheen) “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu Tiyya miidheera, Suleymaaniin wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette. [6]

Dhugumatti, gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalih “Allaah qofa gabbaraa” jechuun erginee jirra, Yerama san isaan garee lama tan walfalmitu tahan.

(Saalihis) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarsiifattan? maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne Akka rahmanni isinii godhamuuf?”

(Isaan) “Nuti siifi namoota si waliin jiraniin hooddane (milkii laallanne)” jedhan, (Saalih) nijedhe "hooddannaan keessan Rabbiin bira, Garuu isin ummata mokkoramoodha”.

(yaadadhu) Luuxiin yeroo inni ummata isaatiin jedhe “sila odoo argitanii baalagummaa hojjattanii?” (baalagummaan isaanii dhiirti dhiira fuudhuu) .

Isaafi maatii isaa ni baraarre, niitii isaa malee warra (adabbii keessatti) hafan irraa ta’uu ishee murteessine.

(Yaa Muhammad) Jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti, nageenyi gabroota Isaa kan (Inni) filate irra haa jiraatu, Sila Rabbi moo wantoota isaan (Isatti) qindeessantu caala?”

Sila Inni samiileefi dachii uumee, samii irraa bishaan (rooba) isiniif buusee ergasii ashaakiltiiwwan miidhagoo ta’an isaan magarsine (akka isa homaa hin uumneetii)? Mukkeen ishee biqilchuun (dandeettiin) isiniif hintaane, Sila Allaah wajjin gooftaan biraa ni jiraa? Isaan ummata Rabbitti qindeessaniidha.

Sila Isa dachii raggaatuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef (gaarreen) gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo (warra isaan isatti dabalantu caala)? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekan.

Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa awwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu (moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala)? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha.

Sila isa dukkanoowwan dachii goggoyduufi galaanaa keessatti isin qajeelchu; kan qilleensa rahmata Isaa dura gammachiisaa godhee ergu (caalamoo warra isaan Rabbii achitti gabbarantu caala?) Sila Rabbii wajjiin gabbaramaan biraa ni jiraa? Allaahn waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’e.

Sila inni uumuu jalqabee ergasii isa deebisu (du'a boodaa kaasu) eenyu? Ammas eenyutu samiifii dechiifi irraa hiree isiniif hira? Sila gabbaramaan biraa Allaah wajjin ni jiraa? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa” jedhi.

Sila beekumsa isaaniitu waa’ee Aakhiraatti dhaqqabee? Lakkisaa isaan ishee irraa shakkii keessa jiru; dhugumatti isaan ishee irraa jaamoodha.[8]

“Gariin wanta isin ariifachiifattanii kan isinitti dhihaate ta’uun dhugaadha” jedhi.

Dhugumatti, Rabbiin kee waan qomoonni isaanii dhoksiteefi waan isaan ifatti mul’isan ni beeka.

Ati namoota du’an (kanneen qalbiin isaanii kufriin duute) hin dhageessiftu. Namoota gurri duudes waamicha hin dhageessiftu. yeroo isaan dugda deebisuun (sirraa) garagalan.

Namoota jaamaa jallina isaanii irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. Namoota Muslimtoota ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee kan dhageessiftu hin taane.

Guyyaa ummata hunda irraa garee warra keeyyattoota keenya sobsiisan irraa ta’an walitti qabnee isaan walitti ittifaman [yaadadhu].

Hanga Yeroo isaan dhufan (Rabbiin isaaniin) jedha “sila isin odoo beekumsaan ishee hin marsin keeyyattoota kiyya sobsiiftanii? Moo maaluma hojjataa turtan?”.

Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argame Kanaafuu isaan (sababa dhiheeyfachuuf) hindubbatan.

Sila isaan hinlaallee Akka nuti halkan yeroo isa keessa boqataniifi guyyaa immoo kan keessa arganii (hojjatan) isaaniif goone. Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.

Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu wantoonni samiilee keessa jiranuufi dechii keessa jiran hunduu wantoota Rabbiin fedhe malee yeroo isaan rifatan [wanta ta’u yaadadhu] Hundumtuu salphatoo ta’anii gara Isaa (Rabbii) dhufan.

Namni hamtuun (kuriifii diliin) dhufe (dalage) fuulleen isaanii ibidda keessatti gonbifamtee “sila waan dalagaa turtan malee mindeeffamtuu?” [isaaniin jedhama].

“Faaruun hundi kan Allaahati, Innis fuulduratti mallattoolee (Rabbummaa) Isaa isinitti agarsiisa. Isinis ishee beekuuf jirtu” jedhiin. Rabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti.