عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Spider [Al-Ankaboot] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Spider [Al-Ankaboot] Ayah 69 Location Maccah Number 29

Alif Laam Miim [1]

Dhugumatti, Nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirra. Dhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan (beekkumsa mul'isuu) beekuuf jira, sobdootas (beekumsa mul'isuu) beekuuf jira. .

Namaaf haadhaafi abbaa isaatti tola ooluu dhaamne. Yoo waan ati beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sirratti qabsaayan, isaan lamaan tole hinjedhin, Deebiin keessan garuma kiyya. Waan hojjachaa turtan isinittin odeessa (galatallee irrattin isinii galchaa).

Dhugumatti, isaan ba’aa (dilii) isaaniitiifi ba’aa (dilii) biraas kan isaanii wajjin ni baadhatu. Dhugumatti, isaan waan soba uuman irraa Guyyaa Qiyaamaa ni gaafatamu.

Dhugumatti, nabi Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra. [Inni] waggaa kuma tokkoo waggaa shantam ir'uu isaan keessa ture. Odoo isaan miidhaa hojjattoota ta’anii jiranii bishaaniin dhidhimfamuun isaan qabe.

[Yaa Muhammad!] jedhiin “dachii keessa deemaatii akkaataa Rabbiin uumuu itti jalqabe ilaalaa! Sana booda Allaahn kaasiinsa boodaa ni kaasa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha”.

Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “isin gocha fokkataa kan aalama hunda irraa ummanni tokkollee isin dura hin hojjatin raawwattu” jedheen (erginee jirra).

“Sila isin (qunnamtii saalatiif) dhiiroowwanitti dhuftani?! (shiftummaadhaan) karaa murtanii? Iddoo Yaa’ii keessanii keessattis badiilee raawwattanii? Deebiin ummata isaa “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef, adabbii Rabbiitiin nutti kottu” jechuu malee homaa hin taane.

(Luuxis) “Gooftaa kiyya! Ummata balleessitoota (kanneen) irratti na tumsi” jedhe. [3]

(Ibraahiimis) “Luux ishee keessa jira” jedhe. (Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru beekna; dhugumatti, isaafi maatii isaa ni baraarsina jaartii isaa malee isheen warra hafan keessatti taate ” jedhan.

Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan isaaniif yaadda’ee qomti isaas isaaniif dhiphatte. Isaanis “hin sodaatin; hin yaadda’inis. nuti siifi maatii kee nagaa baasoodha. niitiin tee malee isheen warra (adaba keessatti) hafan irraa taate” jedhan.

Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraa. Guyyaa Aakhiraas kajelaa. Balleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen. [4]

Isa kijibsiisan. Kirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatte, Yoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan.

Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jira. shayxaanni hojiilee isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebse, Odoo kan argan ta’anii jiranuu.

Qaaruuniin, Fir’awnaafi Haamaaniinis (balleessineerra). Dhugumatti, Muusaan ragaa ifa ta’een isaanitti dhufeeti, dachii keessatti boonan. (isaan qabne) Kan Nu jalaa miliqan hin taane.

(Yaa Muhammad!) kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaatas haqa isaa guutii sagadi. salaanni (badiilee) fokkatoofi jibbamoo ta’an irraa dhorgiti. Zikrii (faaruu) Rabbiitu (waan hunda irra) guddaadha. Rabbiin waan isin hojjattan ni beeka.

Akkuma kana (warra si duraa irratti buufne) kitaaba (qur'aana) gara keetti buufne. Isaan kitaaba kennineef isatti ni amanu. Isaan kana irraas (warra makkaa irraas) namoota isatti amanutu jira. Kaafiroota malee keeyyattoota keenya namni mormu hin jiru.

Ati (yaa Muhammad!) Isa dura kitaaba tokkollee kan dubbiftuufi mirga keetiinis barreessitu hin turre. Odoo akkas taatee balleessitoonni ni shakku turan.

Isaanis ni jedhan: “Maaliif raajiiwwan Gooftaa Isaa biraa isa irratti hin buufamin? (Ati) “raajiwwan kan jiran Allaah bira qofa. Ani immoo akeekkachiisaa ifa ta’e qofa” jedhiin

Azaabatti sijarjarsu (dafii nutti buusi jedhan), Odoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa ture. Dhugumatti tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa.

Lubbuun hunduu du’a dhandhamtuudha. eegasii (qorannoof guyyaa qiyaamaa) gara keenyatti deebifamtu.

Dhugumatti, yoo “eenyutu samii irraa bishaan buusee, dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachise?” jettee isaan gaafatte “Allaahdha” jedhu. (Yaa Muhammad!) “Faaruun hunduu kan Allaahti” jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.

Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu). Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku.

Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu?

Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.