The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesOriginator [Fatir] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Originator [Fatir] Ayah 45 Location Maccah Number 35
Faaruun hundi kan Rabbii samiileefi dachii kanuume taheeti, kan maleykota ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadihiifi afur afurii taasise. Uumama keessattis waan fedhe dabala. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha. [1]
Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu hin jiru. Wanta Inni dhorge Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiru. Inni injifataa, ogeessa.
isin yaa ilmaan namaa! Ni’imaa Allaah tan isinirratti taate yaadadhaa. Sila Rabbiin malee uumoon biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagaltan?
(Yaa Muhammad!) Yoo si kijibsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) kijibsiifamanii jiru. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.
Yaa ilmaan namaa! Waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine.
Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaa. Gareewwan isaa akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.
Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.
Allaahan Isa qilleensa ergee, duumessa ol kaafti. gara lafa duutieetti (goggoydeetti) isa oofnee (roobsine). dachii erga isheen duutee booda isaan jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.
Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu) Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa ol fuudha. warreen hamtuu shira xaxan adabbii cimaatu isaaniif jira. shirri isaanii ni bada.
Rabbiin biyyee irraa isin uume, ergasii bishaan saalaa irraa. ergasii cimdii isin taasise. dubartiin tamillee hin ulfooftu; hin deessus Beekumsa Isaatiin malee. Namni umrii dheereffame tokkollee, umriin isaa hin dheereffamu. Umrii isaa irraa hin hir’ifamus kitaaba keessatti tahu malee; sun Allaah irratti laafaadha.
Galaanni lamaan walhinqixxaatan; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo soogidda akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanis ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf
Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qaban. [2]
Yoo isaan kadhattan, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu. (Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.
Isin yaa ilmaan namaa! Isin gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.
Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
Suni Allaah irratti ulfaataa miti.
(Lubbuun) badii hojjattu (takkas) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate takkas gara ba’aa ishee (namni biraa irraa baadhachuutti) yoo kadhattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaata gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.
Jaamaafi namni Ija qabu wal hin qixxaatu. [3]
Dukkanootaafi iftis (akkasuma). [4]
Gaaddisniifi oo’inis. [5]
kanneen lubbuun jiraniifi isaan du’an wal qixaa miti. Allaahn nama fedhe ni dhageessisa. Ati nama qabrii keessa jiru dhageessisaa miti. [6]
Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.
Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan (ergamaan Rabbii) isaan keessatti dabru malee hintaane.
Yoo si kijibsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) kijibsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota (wanta hunda of keessatti hammatanii)fi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.
Ergasiis isaan kafaran qabeen jira. adabbiin kiyya akkam ta’e! (bakka isaati argate).
Sila ati hin laallee Rabbiin bishaan samii irraa buusee, fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e ittiin magarsine. Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti ishee gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)
Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraa kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha. [7]
Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaata sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelan.
Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha.
Kitaaba (Qur’aana) irraa waani Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadha, (kitaabban) isa duraa kan dhugoomsuudha. Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa, argaadha.
Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas iddugaleessa jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.
Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifaman. Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
Ni jedhu: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseeti. Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.
(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa (jannata) nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.
Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jira. Isaanitti murteeffamtees hin du’anu. adabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamu. akka kanatti haalaan kafaraa hundaa galata galchina.
Isaan ishee keessaa (iyyanii) waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen malee toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaan isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”
Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiiti. Inni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.(waan nami yaadu)
Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godhe. Namni kafare kufriin isaa isuma irratti. Kaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabalu. Kaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.
“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin malee gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaa. moo Sila samiilee (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif jiraa? Moo kitaaba isaaniif kenninee, kan isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.
Rabbiin samiileefi dachiin akka hin deemne qaba. Odoo bakkaa deemaniis Isa malee tokkolleenuu isaan lamaan hin qabu. Inni obsaa, araaramaa ta’eera.
kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatan Yoo akeekkachiisaan (ergamaan Rabbii) isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa tahan jechuun. Yeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe.
Dachee keessatti boonaafi shira hameenyaa (malee isaaniif hin daballe). shirri hammeenyaa warra isaatti malee hin marsu. Sila karaa warra durii malee waan biraa nieeganii? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu.
Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ture hin laalanii? humnaan isaan irra jajjaboo ta’anii turan. Rabbiin samiilee keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiru. Inni beekaa, danda’aa ta’eera.
Rabbiin odoo ilmaan namaa waan isaan hojjataniin isaan qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga yeroo beekamaatti (qiyaamaatti) isaan booda aansa. Yeroon isaanii hoggaa dhufe (hoji isaaniirratti galata galchaaf) Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera.

