The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesSad [Sad] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Sad [Sad] Ayah 88 Location Maccah Number 38
Saad Qur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)! [1]
Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.
Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirra. Yeroo baqaaf hin taane walitti lallaban.
Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, kaafirtoonni ni jedhan: “kun falfalaa, kijibaadha.
Sila gabbaramtoota (hedduu) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
Gurguddoon isaan irraa (mushrikoota irraa) tahan deemaniiti “deemaa gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha" (waliin jedhan).
Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenye. Kun waanuma haara’a uumame malee homaa miti."
Sila gorsi (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee? ” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiru. Garuu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee.
Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?
Moo mootummaa samiilee, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu isaaniif tahee? Oggas, karaalee keessaan (gara samii) ol haa bahanii. (hindandayan).
Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo (dha). Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru).
Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa tae (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.
Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru) Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha).
Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafne. Kanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.
Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.
(haala kan qoosan tahaniin) Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
Waan isaan jedhan irratti obsi. Gabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhu. Inni akkaan tawbataa ture.
Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.
Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra). Hunduu gara Isaa deebi’oodha.
Mootummaa isaa jabeessinee jirra. Hikmaa (nabiyyummaa) fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.
Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?
Yeroo isaan daawud irratti seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedha. Kanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessi. Hin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.
kun obboleessa kiyya, Isaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jira. Anaaf immoo hoolaa dhaltuu takka qofatu jira. “Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse. [2]
(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa tee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan simiidhee jira. irra hedduun warra horii wajji qabanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan malee Isaan baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e. [3]
(Nutis) sana isaaf araaramne. Dhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.
Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa (bulchaa) si taasifnee jirra. jidduu namaatti dhugaan murteessi. fedha lubbuu hin hordofin karaa Rabbii irraa si jallisaa. Dhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira.
Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu (halaakaatu) jira.
Sila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? (hingoonu). Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa? (hintaasisnu)
(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warreen sammuu qaban ittiin gorfamuuf jecha.
Daawuudiif Suleeymaaniin kennine. waatolee gabrichi! Inni akkaan tawbataadha.
Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).
Ni jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) faaruu Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (seensaan) dhokattutti.
Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti (seyfiin dhawutti) seene.
Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e.
Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Ati situ akkaan kennaadha.”
Qilleensa (bubbee) isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.
Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).
Warri biroos kan sakaallaan (diriin) walitti hidhaman (isaaf laaffifne).
“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen).
Dhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.
Gabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe).
(Rabbiin): “Dachii miila keetiin (dachii) dhiiti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen). [4]
Maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha. [5]
“Harka keetiinis hidhaa harcummee qabii (niitii tee) isaan rukuti; kakuu (tee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. waatolee gabrichi! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
Gabroota keenya Ibraahiim, Is'haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
Kuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.
Jannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.
Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
Dubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa taatetu isaan bira jira.
Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
Kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
Kun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebi'iinsa hamaa ta’etu jira.
Jahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!
Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
(Hordoftoonni) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) hammaatoo irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?
(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijoowantu isaanirraa nu dabe?”
Sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.
“Ani kantahe akeekkachiisaa qofa; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.
(Inni) Gooftaa samiilee, dachiifi waan isaan lamaan jidduu jiruu, injifataa, araaramaa ta’edha.
Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.
Isin isa irraa garagaltani.
Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.
Ani sodaachisaa mul'ataa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].
“yeroo isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufe isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).
Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an. (sujuudni sun sujuuda kabajaati).
Ibliis malee (sujuuda dide) boonee, kaafiroota irraa ta’e.
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef (Aadamiif) sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
(Ibliis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa)(dhoqqee) irraa isa uumte.”
(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa (jannatarraa) bahi; ati (rahmata irraa) fageeffamaadha (abaaramaadha).
Hanga guyyaa murtiitti (qiyaamaatti) abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
(Ibliis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.
“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
(Ibliis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda (ilmaan aadam hundaa) nan jallisa.
Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedha.
(Guyyaa qiyaamaa) Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhu. Ani warra of dirqan irraayis miti.
Inni (qur'aanni) gorsa aalama hundaati malee waanbiraa miti.
Dhugumatti, oduu isaa (qur'aanaa) yeroo booda beekuuf jirtu.”

