The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesCouncil, Consultation [Ash-Shura] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Council, Consultation [Ash-Shura] Ayah 53 Location Maccah Number 42
Haa Miim. [1]
Ayn Siin Qaaf. [2]
Akka kanaan gara keetiifi gara isaan (nabiyyoota) siin duraatti (Rabbiin) wahyii godha, Rabbiin injifataa ogeessa.
Wanti samiileefi wanti dachii keessaa hundi kan Isaati. Inni ol ta’aa, guddaadha.
Samiileen (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaatti. Maleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessu. warra dachii keessa jiruufis araarama kadhatu. Dhaga’aa! Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
Warri Isa malee jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ata. Ati isaan irratti itti gaafatamaa miti.
Akka kanatti Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa goone Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa) fi waarra moggaa ishee sodaachiftuuf, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf. Gariin jannata keessa (seenu); gariin immoo ibidda keessa.
Rabbiin odoo fedhee ummata tokko (islaamummarratti) isaan taasisa; garuu nama fedhe (qajeelchee) rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
Moo Isaan ala gargaaraawwan taasifatu? Rabbiin Isumatu gargaaraadha. Isumatu du’aa jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti. Inni sun Allaahdha Gooftaa kiyya; Isa irratti irkadhe; garuma Isaattin deebi’a.
(Inni) uumaa samiifi dachiiti. Lubbuulee teessan irraa qindiiwwaa (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise). kanaan isin baay’isa. Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha.
Furtuuleen samiileefi dachii isaaf taate. Nama fedheef hiree bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisa. Inni waan hunda beekaadha.
Amantii irraa karaa isiniif godhe waan Nuuhiif dhaameefi isa gara keetti wahyii goone, waan Ibraahiimiif dhaamne, Muusaafi Iisaaf (dhaamne). [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa (jechuudha). Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabate gara Isaatti qajeelcha. [3]
Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaane. Odoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a ture. Warri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
Kanaafuu (tokkummaa) (sanatti) waami, Akkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhu. Fedhiilee isaanii hin hordofin “Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera jedhi; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameera. Allaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessani. Nuuf hojiilee keenyatu jira; Isiniifis hojiilee keessantu jira. Gidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiru. Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qaba. Deebiin garuma Isaatti” jedhi.
Warri (diin) Rabbii keessatti falman erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudha. Dallansuun (Rabbii) isaan irratti tahaadha; adabbiin cimaanis isaaniif jira
Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedha. Qiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarsiifatu. Isaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beeku. Dhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaa dha. Nama fedhes ni soora Inni jabaa injifataadha.
Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballa. Nama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kennina. Aakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama ture. Miidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argita. Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jira, Kun isumatu tola guddaadha.
Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha. “Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhu Nama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballa. Rabbiin araaramaa, galateeffataadha.
Moo Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin yoo fedhe onnee kee irratti cufa. Rabbiin dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessa. Inni waan qoma keessa jiru beekaadha.
Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuuwwan irra dabruufi kan waan isin dalagdan beekuudha.
Isaan amananii toltuuwwan dalaganiif ni owwaata. Tola Isaa irraas isaaniif dabala. Kaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira.
Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turan. Garuu waan fedhe likkiin buusa. Inni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
Inni Isa bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuu erga abdii kutatanii. Inni gargaaraa, faarfamaadha.
Mallattooleewwan isaa irraayyi, Samiilee dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun. inni yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irratti danda’aadha.
Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma (balleessaa) harki keessan hojjatteefi; baay’ee irraa dhiifama godha.
Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo miti. Rabbiin malee jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
Mallattoolee isaa irraayi Dooniiwwan akka gaarreewwanii kan galaana (bahra) keessa yaa’an.
Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa (bahraa) irra tattaa’oo tahan. Kana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ee irraa dhiifama godha.
Akka beekaniif Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakki itti goran isaaniif hinjiru.
Wahirraa wanti isin kennamtan kamiyyuu qananii jireenya addunyaati. Waan Rabbiin bira jiruutu caalaafi hafaadha isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti irkataniif .
Isaan warra dilii gurguddaafi hojii fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallanan dhiifama godhaniidha.
Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal mariin ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraa arjoomaniidha.
Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
Galanni hamtuu hamtuma fakkaattuu isheeti. Namni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jira. Inni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
Namni erga miidhamee booda haaloo bahate, isaan sun diliin isaan irra hin jiru.
Komiin (diliin) kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irratti. Isaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
Namni obsee irra dabre (tolche), sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiru. Miidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan (gaabbanii) kan “(tawbachuudhaaf) karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
Ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argita Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa. Isaan amanan nijedhan “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatiilee isaanii hoonga’aniidha” jedhu. Dhagayaa! Miidhaa hojjattoonni azaaba ittifufaa keessa jiraatu.
Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiru. Nama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
Rabbii keessaniif owwaadhaa Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura. Guyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiru. Mormiinis isiniif hin jiru.
Yoo (dhugaa irraa) garagalan, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergine. Ergaa geessuu malee homaa sirra hinjiru. Nuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne isheetti gammada. Yoo hamtuun waan harkoowwan isaanii hojjatteef isaan tuqxe (abdii muratan), namni akkaan kafaraadha.
Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiirota kenna.
Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aadha.
Namaaf hintaane Rabbiin isa dubbisuun yoo wahyiin tahe malee, yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee. Inni ol aanaa, ogeessa. [4]
Akka kanatti (Qur’aana) ruuhii ajaja keenya irraa ta’e gara keetti wahyii goone. Kitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turre. Garuu ifaa isa goone kan gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu. Ati gara karaa qajeelaatti (islaamummatti) ni qajeelchita (niyaamta).
Karaa Rabbii wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita). Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.

