عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Muhammad [Muhammad] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Muhammad [Muhammad] Ayah 38 Location Madanah Number 47

Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera. [1]

Yeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.

Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.

Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha. (Rabbiin) dalagaalee (hojii) isaanii ni balleessa.

Kun waan isaan waan Rabbiin buuse (Qur’aana) jibbaniifi. Kanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.

Meeqaa meeqa magaalonni (hedduudha), kan magaalaa tee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an, balleessinee jirra. Homaa tumsaan isaaniif hin jiru.

Sila inni ragaa (ifa ba’aa) Gooftaa isaa irraa ta’e irratti tahe akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee nitahee? kan fedha lubbuu isaanii hordofan.

Fakkeenyi jannata warri Rabbiin sodaatan waadaa galamanii (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’etu jira, (akkasuma) laggeen aanan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (bayfame) (nadhii) irraa (ta’etu jira). Ammas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. (Sila isaan kun) akka namoota zalaalam ibidda keessa jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaanoowwan isaanii cicciruutii? (lakki jarru sun akka jara kanaatii miti).

Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hinjiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka. [3]

Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala). Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.

Sila warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa (garaa isaanii keessa jiru) hin baasuu yaadanii?

Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) gadoo keessan ni baasa.