The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe private apartments [Al-Hujraat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The private apartments [Al-Hujraat] Ayah 18 Location Madanah Number 49
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [1]
Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaa. haasa’a isa irratti ol hin fuudhinaa, akka olfuudhinsa gariin keessan garii irratti (olfuudhutti). Akka dalagaawwan keessan hin banneef jecha odoo isin hin beekne. [2]
Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onneewwan isaanii sodaa isaatiif qormaate. Isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira.
Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatan.
Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala taha ture. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Yaa warra amantan! Yoo jallaan oduun isinitti dhufe dubbii adda baafadhaa, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti akka gaabboo hintaaneef.
Isin keessa ergamaa Rabbiittu jiraa beekaa. Dhimmoota baay’ee keessatti odoo isin tole jedhee nirakkattu ture. Garuu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiise, onneewwan keessan keessatti isa bareeche, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godhe. Isaan sun (warri iimaana jaalatanii kufrii jibban) isaanumatu qajeeloodha.
Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe). Rabbiin beekaa, ogeessa.
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaanii araarsaa. Yoo takkaan isaan lameeni taan irratti daangaa dabrite, ishee daangaa dabrite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaa. Yoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessa. Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata. [3]
Mu’umintoonni obboleeyyani; gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa. Rabbiin sodaadhaa Akka rahmanni isinii godhamuuf jecha.
Isin yaa warra amantan ormi orma irratti (Dhiironni dhiirota biraatti) hin qoosin. Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hinqoosin). Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. lubbuulee teessan wal hin eybessinaa; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa. Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (jallinaa) waa fokkatee! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota. [4]
Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha. Wal hin basaasinaa. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? jibbitanii jirtan. (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha. [5]
Isin Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii (Aadamiifii hawwaa) irraa isin uumne, sabootaafi gosoota isin taasifne akka wal beektaniif jecha. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha. [6]
Shanaanoon “nuti amanneerra” jette. jedhiin isin hin amanne garuu islaamoyne jedhaa, hanga silaa iimaanni onneewwan keessan keessa hin seenne. yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, hojiiwwan keessan irraa homaa isinduraa hin hir’isu. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii hinshakkini, qabeenyaalee isaanitiifi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati.
Jedhi: “Amantii keessan Rabbiin beysiistanii? Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beeka. Rabbiin waan hunda beekaadha.”
Islaamawuu isaaniitiin sirratti galata himatu “Islaamummaa keessaniin ana irratti galata hin himatinaa, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti galata himata” jedhiin. Yoo warra dhugaa taatan (kan galata himatu Rabbi tahuu beekaa).
Rabbiin fagoo samiileefi dachii keessaa ni beeka. Rabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.”

