عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Qaf [Qaf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Qaf [Qaf] Ayah 45 Location Maccah Number 50

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.

“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti tahee jira.

Dhugumatti isaan dhugaa sobsiisan yeroo inni isaanitti dhufu. Isaan dubbii wal dhawaa keessa jiru.

Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee, akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.

Gabricha tawbatu hundaaf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).

Hundee timiraa dhedheeroo, kan daraaraa dachaa (ni magarsine).

Hiree Gabrootanniitiif (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis (qabrirraa kaafamuunis) akkuma kana.

Warri bosonaatiifi ummanni Tubba’is Hunduu ergamtoota sobsiisan, adabbiin (kiyya) isaanitti mirkanaa’e. [2]

Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.

Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (yaadachiisi).

Jecha tokkoyyuu hin dubbatu Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee .

Lubbuun hundi haala ishee wajjin (maleykotarraa) oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.

Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira dhihaataa tahee jiruudha.”

(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).

Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani isa hin jallifne. Garuu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

Rabbiin ni jedha,“Ana biratti wal hin falminaa, Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.

Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamtee jirttaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (isaan sodaachidi.)

Jannanni dhiheeffamte namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin (isaanitti dhihoo taatee).

Kun waan waadaa seenamtaniidha Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiif, (jedhama).

(isaaniin jedhamaa) Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa zalaalam achi jiraatuuti” (jedhama).

Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jira, Nu bira dabaliinsaatu jira.

Meeqaa meeqa balleessinee Isaan dura dhalootarraa? (baayyee), isaantu (warra balleeysineetu) humnaan isaan (ammaa kana) irra ciccimoodha. Biyya keessa fiigan (qoratan) “iddoo baqaan jiraa?” jechaa.

San keessa yaadannootu jira, Nama onnee qabuuf yookin gurra itti kennuuf, haala yeroo (gorsa) irratti hirmaataa (qalbiin achi jiraataa) taheen.

Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabu (afuuffaa lammaffaa afuufu) dhaggeeffadhu.

Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (gabroottanii guyyaa qiyaamaa) garumma keenya.

Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya). Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.