عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The winnowing winds [Adh-Dhariyat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The winnowing winds [Adh-Dhariyat] Ayah 60 Location Maccah Number 51

(Qilleensa) bubbisiinsa bubbiftuunin kakadha. [1]

(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis (kakadhe).

(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis (kakadhe).

(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis (kakadhe).

Samii abbaa miidhaginaatiin (karaa urjiitiin) kakadhe.

Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.

Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.

(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).

Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.

Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan (kaan salaataan dhaabbatan).

Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?

Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.

Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.

(korma qalee, foon bicheessee itti fidee) Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.

Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan. [3]

(gammachuu kana dhageenyaan) niitin isaa (gammachurraa) iyyaa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.

(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?” (jedhee malaa'ikoota gaafate)

Dhagaa biyyee faaraa (shaklaa) irraa ta’e isaan irratti darbachuuf (erguuf) (dhufne).”

Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.

Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa (gandattii keessa) jiran ni baafne.

(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).

(Fir’awna) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha yookiin maraataadha” jedhe.

Isaafi waraana isaas qabnee. bahra keessatti isaan darbine (bishaaniin nyaataman) haala inni komatamaa ta’een.

(Seenaa) Aad (ummata nabi huud) keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).

Waan isa irra dhufte tokkoyyuu (mancaaftee) akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.

(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).

Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee.

Sila isa (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.

Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.