عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Exile [Al-Hashr] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Exile [Al-Hashr] Ayah 24 Location Madanah Number 59

Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) baqa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adaba ture. Isaaniif Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.

Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.

Warri isaaniin dura biyyattii (madiinaa) qubsuma godhataniifi Iimaana (qabatan), namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan (Muhaajirootaaf) kenname irratti qomoowwan isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin argan. lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) dursu osoo rakkoon isaanitti jiraatellee. Namni doynummaa lubbuu isaa tikfaman, isaan isaanumaatu milkaa’oodha.

Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onneewwan isaanii keessatti Rabbi irra cimaadha (Rabbirra isin sodaatan). Kun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.

Waliin ta'anii isin hin waraanan Yoo magaalota jogola marfamte keessa ta'an yookiin dallaawaalee duubaan ta'e malee. Diinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadha. tokkummaa qaban isaan seeta onneewwan isaanii qoqqoodamtuudha. Kun waan isaan orma hin xiinxalline ta'aniifi.

(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti (turaniiti). adabbii dalagaa isaanii dhandhaman. Isaaniif azaaba laalessaatu jira.

Xumurri isaan lamaaniituu (sheyxaanaafii warri isaaf ajajamee) ibidda keessa ta'uudha tahe keessatti hafoo ta'anii. Kun galata zaalimtootaati.

Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqullaawaa, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa. [3]

Inni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.