The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Ranks [As-Saff] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Ranks [As-Saff] Ayah 14 Location Madanah Number 61
Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.[1]
Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne jettan?
Waan hin hojjanne jechuun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.
Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
Yeroo Iisaa ilma Maryam jedhe "yaa ilmaan Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan garakeessanitti ergameedha. kan waan Tawraatirraa na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee" (jedhe yaadadhaa). Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaadha" jedhan. [2]
odoo gara Islaamaa waamamuu Nama Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu?(hinjiru). Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
Ifaa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu. Rabbiin ifaa Isaa ni guuta (islaamummaa oltaasisa) Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu.
Inni Isa ergamaa Isaa (muhammadiin) qajeelfamaafi amantii haqaatiin (islaamummaan) ergeedha amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha, odoo mushrikoonni jibbanuu.
Yaa warra amantan! Mee daldala azaaba laalessaa irraa isin baraarsurratti isin qajeelchuu?
Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin qabsooftu, kanatu (waan hunda) isiniif caala Yoo kan beektan taataniif. [3]
(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badiilee keessan isiniif araarama. Jannatoota laggeen jala ishee yaatu isin seensisa. Manneen babbareedaa Jannata qubannaa keessatti (isiniif qopheessee jira). Kun milkii guddaadha.
)(bu'aa daldala kanaarraa) Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna) (Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedha. Mu’uminoota gammachiisi.
Yaa warra amantan! tumsitoota Rabbii ta'aa, Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan jedhe "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" (jennaan) hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san. Ilmaan Israa'iil irraa gareentokko amananii gareenkuun kafaran. Isaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinee injifatoo ta'an.[4]

