The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesBanning [At-Tahrim] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Banning [At-Tahrim] Ayah 12 Location Madanah Number 66
Yaa Nabiyyichaa! Maaliif waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota jaartiiwwan tee jaalachiisuu barbaachaaf? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [1]
Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuulee keessan ittiin hiiktan isiniif ibseera. Rabbiin gargaaraa keessani. Inni beekaa ogeessa. [2]
Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii hime [yaadadhaa]. Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiin isa isatti beeksise, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara gale. Yeroo inni isa isheetti himu “eenyutu kana sitti hime” jetteen. "(Rabbii) Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen. [3]
Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama) Onneen lamaan keessanii dhugumaan jallattee jirti. Yoo isa irratti wal gargaartan Rabbiin isatu gargaaraa isaati Jibriiliifi gaggaariin Mu'umintootaas (gargaaroo isaati), Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati.
Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa niitolee kan isin irra caalan bakka isaaf buusuun ni kajeelama. (dubartoota) Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, soomantoota, kan beeraa fi dubra ta'an.
Yaa warra amantan! Lubbuulee teessaniifi maatiiwwan keessan ibidda (jahannam) tan qabsiisaan isii namootaafi dhagaalee ta'e, irraa eegaa. Isirra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo ta'antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu, waan ajajaman ni hojjatu. [4]
"Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin galata galfamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu).
Yaa warra amantan! gara Rabbiitti tawbadhaaTawbaa qulqulluu. Gooftaan keessan diliiwwan teessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelama. Guyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin xiqqeessine san, ifaan isaanii fuuldura isaaniitiifi mirgoowwan isaanii deema. Nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha". [5]
Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa'ii. isaan irratti cimi. Teessoon isaanii ibidda Jahannami. Deebiin waa hammaatee!
Rabbiin warra kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godhe. Gabroota keenya gaggaarii keessaa gabroota lama jala turan. isaan ganan. Isaan lamaanis (Nuuhifi Luux) (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin duroomsine. "Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen. [6]
Ammas Rabbiin warra amananiif niitii Fir'awnaa fakkeenya godhe. Yeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Fir'awnaafi dalagaa isaa irraa na baraari; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraari" jette. [7]
Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya warra amananii godheera). Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'e isa keessatti afuufne. Jechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsite. Warra Rabbiif ajajamu irraas taate.

