The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Overwhelming [Al-Ghashiya] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Overwhelming [Al-Ghashiya] Ayah 26 Location Maccah Number 88
Sila oduun haguugduu (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa? [1]
Fuulleen (gariin) guyyaa san xiqqaattuudha.[2]
Hojjattuu ifaajjuudha.
Ibidda gubduu seenti.
Burqituu danfituu irraa obaafamti.
Adaamii (cuqun) (hadhaawaa, ajaawaa) malee nyaanni isaaniif hin jiru.
(isa nyaachuun) Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
Fuulleen gariin guyyaa san qananiituudha. [3]
Dalagaa ishee jaalattuudha.
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
Ishee keessatti waca hin dhageessu.
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
Sila gara gaalaa hin ilaalanuu akkamitti akka uumamte?
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
Nama gara galee kafare malee,
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba. [4]
Deebiin isaanii garuma Keenya.
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira.

