عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The City [Al-Balad] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The City [Al-Balad] Ayah 20 Location Maccah Number 90

Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).

“Qabeenya (tuulamaa) guddaan balleesse" jedha.

Sila Nuti ija lama (tan isiidhaan waa argu) isaaf hin taasifnee?

Arrabaafi hidhii lameenis (kan ittiin dubbatu);

Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.

Sila maaliif tulluu (isaaf jannata jidduu jirtu) hin dabrine?

(Inni) Gabra bilisoomsuudha.

Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).

(guyyaa qiyyaamaa) Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.