عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Table Spread [Al-Maeda] - Oromo translation

Surah The Table Spread [Al-Maeda] Ayah 120 Location Madanah Number 5

Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii,halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf dhufanis, horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames,fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan adamsadhaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha.

Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha.

  Yaa warra kitaabaa!Dhugumatti, Ergamaan keenya isinitti dhufeera, kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru. iftaanifi kitaabni mul'ataan Rabbi irraa isiniif dhufeera.

  Yaa abbootii kitaabaa!ergamaan keenya kan (waan hunda) ifa isiniif taasisu, eega wal irraa citiinsi ergamootaa argamee booda isinitti dhufeera Akka isin gammachiisaafi dinniinaanis nutti hin dhufne hin jenneef, Dhugumatti gammachiisaafi akeekkachiisaan isinitti dhufeera Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

  Yaa ummata kiyya! Dachii qulqulleeffamtuu Rabbiin isiniif barreesse (Filisxeeniin) seenaa Dugdoowwan keessan duubatti hin deebi’inaa. (Yoo akkas gootan) hongaa’oo taatanii deebitu."

 Nijedhan "Yaa Muusaa! Dhugumatti, ishee keessa ummata of tuultotatu (gara jabeeyyiitu) jira. Nuti hanga isaan ishee keessaa ba’anitti gara ishee hin seennu. Yoo isaan ishee irraa ba’an, nuti seenoodha".

  (Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyyaafii obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabu. Nuufi orma finciltootaa gidduu addaan baasi."

  Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.

  Namni miidhaa (raawwachuu) isaa booda toobatee tolche, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.

 Ati Yaa ergamichaa!warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisin Isaan afaanoowwan isaaniitiin amanne jedhanii onneewwan isaanii hin amanin irraa, Isaan yahuudoman irraas, kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiru. Jechoota bakka isaa irraa jijjiiru. "Yoo kana kennamtan isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhu. Nama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftu. Sunniin warra Rabbiin onneewwan isaanii qulqulleessuu hin fedhini. Addunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.

  Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qormaatuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima.

  Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni (munaafiqummaa) jiru, isaan (gargaaruu) keessatti kan ariifatan agarta. "naannawaan rakkinaa tokko nu tuquu sodaanna" jedhan, Rabbiin injifannoo yookiin murtii isa biraa ta’e fidee, waan lubbuu isaanii keessatti gadi qabatan irratti gaabbitoota ta'uun isaanii mirkanaa'eera.

  Namoonni Rabbiin, ergamaa Isaatiifi warra amanan jaalallee taasifatan (isaan garee Rabbiiti). Dhugumatti gareen Rabbii isaanumatu injifattoota.

  Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa badaa ta’e isiniif himuu? (inni sun) Nama Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa jaldeessaafi booyye taasise, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin alaa) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii badaa ta'ee, irra jallatoowwani karaa qajeelarraa."

 yeroo isinitti dhufan "nuti amanne" jedhu, Isaan odoma dhugumatti kufrii wajjin seenaniifi isaan dhugumatti isumaa wajjin ba’anii jiranuu. Rabbiin irra beekaa waan isaan dhoksaa turaniiti.

  Rabbiif ajajamaa. Ergamaafis ajajamaa (Wantoota dhorgaman kanneen irraa) eeggadhaa, Yoo irraa gara galtan immoo dhugumatti ergamaa keenya irra karaa ifa ta’een (ergaa keenya) geessuu malee wanti biraa akka hin jirre beekaa.

  Yaa warra amantan! odoo (hajjiifii umraa) hidhattanii jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaa. Namni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa beeylada irraa fakkii waan ajjeeseeti. isinirraa namni haqaa lama isa haamurteessuu. haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu, yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu, yookiin qixxee kanaa soomuudha. (Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufi. Waan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreera. Nama (gara badichaa) deebi’e Rabbiin haaloo irraa ba’ata. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.{1}

 Isiniif eeyyamameera AdamSoon galaanaafi nyaanni isaas, itti fayyadama keessaniifi daldaltootaatiif jecha. Waan hidhannaa Hajjii keessa jirtanuun adamSoon lafa irraa isin irratti haraama godhame. Rabbii isa gara Isaatti oofamtanu sodaadhaa. {2}

  Rabbiin Ka’abaa mana kabajamaa,namootaaf gadi dhaabbii (jireenya) taasiseera ji’a kabajamaas, horii wareegaas, horii wareegaaf mallattoon morma irratti godhames. Kun akka Rabbiin wantoota samii keessa jiraniifi wantoota dachii keessa jiranis hunda kanbeeku tahe beektaniifi, ammas akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’uu beektaniifi.

  Beekaa! Dhugumatti Rabbiin (abbaa) adabbii cimaati. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

  Ummanni isiniin duraa dhugumatti ishee gaafatanii, ergasii sababaa isheetiin kaafiroota tahan.

  Guyyaa Rabbiin ergamoota (Isaa) walitti qabee "deebii maaliitu isiniif deebi’e" jedhu [yaadadhu]. [Isaan] "nuti beekkomsi nuuf hintaane; Ati situ akkaan beekaa fagooti" jedhan.

  yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu) “Yaa Iisaa ilma Maryam! qananii tiyya tan ani siifi haadha tee irratti oole yaadadhu.yeroo Ani ruuhii qulqulluudhaan si jabeesse, haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun" Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiise. yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaattii uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan allaattii taatu; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, " [yaadadhu].

  (Isaanis) "Nuti ishee irraa nyaachuu feena jedhan. onneewwan teenya tasgabbaa’uus,ati dhugaa nutti dubbattee mirkaneeffachus (feena) nuti san irratti warra ragaa ba’an irraa ta’uu (feena)" (jedhan).

  Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.