عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Table Spread [Al-Maeda] - Oromo translation - Gali Ababor - Ayah 12

Surah The Table Spread [Al-Maeda] Ayah 120 Location Madanah Number 5

۞ وَلَقَدۡ أَخَذَ ٱللَّهُ مِيثَٰقَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَبَعَثۡنَا مِنۡهُمُ ٱثۡنَيۡ عَشَرَ نَقِيبٗاۖ وَقَالَ ٱللَّهُ إِنِّي مَعَكُمۡۖ لَئِنۡ أَقَمۡتُمُ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَيۡتُمُ ٱلزَّكَوٰةَ وَءَامَنتُم بِرُسُلِي وَعَزَّرۡتُمُوهُمۡ وَأَقۡرَضۡتُمُ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗا لَّأُكَفِّرَنَّ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَلَأُدۡخِلَنَّكُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۚ فَمَن كَفَرَ بَعۡدَ ذَٰلِكَ مِنكُمۡ فَقَدۡ ضَلَّ سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ [١٢]

Dhugumatti, Rabbiin waadaa Ilmaan Israa’iil qabee jira. Isaan irraas qondaalota kudha lama kaafnee jirra. Rabbiin "Ani isin waliinin jira, Yoo isin salaata dhaabdanii zakaa kennitanii, ergamoota kiyyatti amantanii, isaan gargaartanii, Rabbiif liqaa bareedaa liqeessitan, dhugumatti Ani hamtuuwwan keessan isin irraa harcaaseeti, Jannata laggeen ishee jala yaatu isin seensisa. Isin irraa namni san booda kafare, inni dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera" jedhe.