عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

She that is to be examined [Al-Mumtahina] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah She that is to be examined [Al-Mumtahina] Ayah 13 Location Madanah Number 60

Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalalleewwan hin godhatinaa. kan isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii jiran. Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu, sababa isin Rabbii Gooftaa keessanitti amantaniif qofa. Yoo karaa Kiyya keessatti qabsaa'uufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa). kan gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). Ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ninbeeka. Isin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera. [1]

Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eera. Yeroo (isaan) ummata isaaniitiin jedhan "nuti isiniifi waan isin Rabbiin malee gabbartan irraa qulqullaawoodha; isinitti kafarre; gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera hanga Rabbii tokkichatti amantanutti" (jedhan) (kana keessatti hidhannoon gaariin isiniif jira). Jecha Ibraahiim malee kan abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo homaa siif hin fayyadu" "Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keetti deebine; deebiin garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa). [4]

Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelama. Rabbiin Danda'aadha. Ammas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha. [5]

Kan Rabbiin (jaalallee godhachuu) isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran isin isaan jaalalloo godhachuu (irraa isin dhoowwa). Namni isaan jaalalloo godhate, isaan isaanumaatu zaalimoota.

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaa. Iimaana isaanii Rabbiin beekaa. Yoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara kaafirootaatti isaan hin deebisnaa. Isaan (dubartoonni mu'iminaa) isaaniif (dhiira kuffaaraatiif) halaalii miti; isaanis (dhiironni kaafiraa) isaaniif (dubartoota muslimaatiif) halaalii miti. Isaaniif (dhirsota isaanii kan kaafiraatiif) waan isaan baasan kennaa. Yeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiru. Waadaalee fuudhaa kan niitiwwan teessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera). Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatani. Kun murtii Rabbiiti (Isatu) gidduu keessanitti murteessa. Rabbiin beekaa ogeessa.