عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Abraham [Ibrahim] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Abraham [Ibrahim] Ayah 52 Location Maccah Number 14

Alif Laam Raa (Inni) kitaaba gara keetti isa buufneedha. akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf. [1]

Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedha. halaakni azaaba cimaa irraa ta’e kaafirootaaf ta’eera.

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe [yaadadhu] :“Ni’imaa Rabbii kan isin irratti tahe yaadadhaa. kan yeroo ummata Fir’awnaa irraa isin baraare, kan adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan akka jiraatan dhiisan, Kana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabala. yoo natti kafartan (nagalateeffachuu diduun), adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa).

Sila oduun warra isin duraa isinitti hindhufnee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hinitti hindhufnee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harkoowwan isaanii afaanoowwan isaanii keessatti deebisani “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafarree jirra. Ammas nuti waan isin itti nu waamtan irraa shakkii dhamaasaa keessa jirra” jedhan. [3]

Sila dhugumatti odoo Inni karaa keenya (islaamummatti) nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsina. irkattoonni Rabbi (qofa) irratti haa irkatu.”

Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin nijedhan “dhugumatti, nuti dachii teenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhan. Rabbiin isaanii “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe. [4]

“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifna. Kun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”

(Ergamtoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadan. (gargaarsa ni argatan) uf tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e.

Fuuldura isaa (qiyaamatti) jahannamtu jira. (isii seena) Bishaan malaa irraa obaafama.

Liqimsuuf yaala; gadi isa liqimsuutti hin dhiyaatu (hin danda’u) (hadhaa, ajaafii oowwa hamaa isaatiif jecha). Duuti kallattii hundarraa isatti dhufa. Inni kan du’uu miti (zalaalam azaaba keessa jiraata). Fuuldura isaa azaaba guddaatu jira.

Sila akkamitti akka Rabbiin fakkeenya godhe hin arginee? jechi gaariin akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee, dameen ishee samii keessatti ta’eetti. [7]

Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif shariiokota godhan. “(yeroo xiqqoof) qanani’aa Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaati” jedhiin.

(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin jedhi “salaata gadi dhaabaa, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii arjoomaa. odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura”.

Waan isin Isa kadhattan hundarraa isiniif kenne. qananii Rabbii yoo lakkooftan (waan haalaan hedduu taateef) ishee fixuu hin dandeessanu. Dhugumatti, ilmi namaa akkaan miidhaa hojjataa akkaan kafaraadha.

Yeroo Ibraahiim jedhe [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) nagaya taasisi. Anaafi ilmaan kiyyaas taabotoota gabbaruu irraa nu fageessi. [10]

Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhi. Ilmaan kiyya irraas (akkasuma). Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.

Gooftaa keenya! naaf araarami, haadhaafi abbaa kiyyaafis mu’uminoota hundaafis (araarami) guyyaa qormaanni godhamu (guyyaa qiyaamaa) san.

(ilmi namaa guyyaa san) (Gara waamichaatti) daddafoodha, mataalee isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati), Ijji isaanii gara isaaniitti hin deebi'u, Qalbiileen isaaniis duwwaadha (hammeenya waan arganiirraa haalaan waan rifataniif).

Ilma namaa sodaachisi guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan nijedhan “Gooftaa keenya! hanga beellama dhihootti booda nu aansi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna”. (isaaniin jedhama) “Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi isiniif hinjirurratti kakachaa hin turree?

Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadin (hindiigu). Dhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati.

Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiileenis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu].

Guyyaa san badii hojjattoota sakaallaalee keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita.

Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyi. Ibiddi fuula isaanii ni haguugdi (nigubdi).

Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe). Dhugumatti, Rabbiin daddafsiisaa herregaati.

(Qur’aanni) kun ergaa gayaa ilma namaati, akka ittiin akeekkachiifamanuuf, Inni (Rabbiin) gabbaramaa haqaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif.